Onoota godina Lixa Wallaggaa fi Qellem wallagaa keessaatti waraanni faashistii PP deggersa murna bilxiginnaa jechuun uummata dararaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Erga lollii kallatti garaagaran impaayerattii keessatti banamee fi qoqqobbii dinaagde irratti kaa’amee as, murni bilxiginnaa diinagdeen deebisee impaayeeratti uummata Oromoo irratti ijaaruuf deggersa mallaqa maqaa waraana kaabatti geggeessaa jiraniin uummata qaala’insa jireenyaan miidhamee jiru Oromiyaa bakkoota hedduutti maallaqa irraa guuruun rakkisaa jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanoota hedduu keessaatti gareen saamicha maallaqaa uummaata Oromoo irratti geggessaa jiru murnii bilxiginna aanoota akka Laaloo Qilee, Sayyoo, Sadan Canqaa, Hawwaa Galaanii fi Haroo Sabbuu keessatti gocha kana hammessee jira.
Bulchaan ona Laaloo Qilee obbo yaadata fi dhimmi nageenyaa Birhaanuu Gannatii kan jedhaman gandoota onichaa cufatti bobba’un milishaa fi waraana of fulduura buusuun mana jireenyaas ta’e, manneen daldalaa kamirraayyuu maallaqa humna olii itti ramaduun uummati rakkoo hamtuu keessaa jiraachu fi qaama itti himaatu dhabee dararamaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru
Oduudhumaa wal fakkaatuun godina lixa wallaggaa onota akka Ayiraa, Gulliso, Yuubdoo fi Baabboo Gambeel keessattis gochumaa wal fakkaataa saamicha maallaqaa wal qabatee akka rawwaatamaa jiru gabaasani onoota kana irraa dhufuu ni addeessa.

