Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gaawoo Qeebbeetti nama tokko yoo ajjeesan godina lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo keessaatti sakatta’insa WBO jechuun uummata dararaa jiru

Waraanni Bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa ona Gaawoo Qeebbeetti nama tokko yoo ajjeesan godina lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo keessaatti sakatta’insa WBO jechuun uummata dararaa jiru.

( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )

Murni bilxiginnaa aangoo siyaasaa isaa afaan qawween tikfachuuf uummata Oromoo homaatuu keessaa quba hin qabne rasaasaan ajjeesaa gama biraan ammoo uummata Oromoo waraana bilisummaa Oromoo sakattaana jechuun uummata hiraarsuu hammeessanii jiru.

Haaluma kanaanis godina Qellem Wallaggaa ona Gaawoo Qeebbee magaalaa Shimalaa keessatti kaleessa Waxaabajjii 7,2022 qeerroo ganda Shimalaa kan ta’e nama Abdoo Ahimed jedhamu ganama manaa qabuun waaree booda ajjeesanii gatan.

Qeerroon kun erga waraana bilxiginnaa kanaan ajjeefamee reeffa dhorkatamuun halkan ala bulee bineensa nyaachisanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo godina lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Najjoo keessaatti sakatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun har’a Waxaabajjii 8,2022 ganama toora sa’a 2:00 irraa kaasuun uummata humnaan manaa baasanii geggeessaa turan.

Sakatta’insa kanaan uummatni magaalattii gandoota arfanuu irraa afaan qawween baafamuun ulee fi albee qabatee qarqara magaalattii ga’ee akka deebi’uu taasisuu maddeen magaalaa Najjoo addeessan.

Torbee kana waraanni bilxiginnaa diraamaa isaa barate sana sakatta’insa WBO jechuun uummata dararaa kan jiru yoo ta’u guyyaa kaleessaa ona Anfilloo ganda Kollii keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin yeroo wal arganitti uummata dura bu’anii yeroo baqatanitti uummata irra miilaan koranii miidhuun uummatni sakatta’iinsa ba’e manneen yaalaa magaalaa Muggiitti keessatti argamutti yaalamuun gocha PPtti qaanfachuu isaanii jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Exit mobile version