Waraanni bilxiginnaa godina lixa Wallaggaa ona Ganjiitti nama tokko yoo ajjeesan ona Gimbii keessatti ammoo maqaa sakatta’insa WBO jedhuun uummata dararaa jiru.
( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )
Murni bilxiginnaa badiinsa irra jiraachuu sirna isaatii hin hanga yoonaa hin amanne, abjuu gadaa aangoo isaa dheereffachuuf qabu dhugoomsuuf uummata Oromoo humnaan bulchuuf afaan qawween ajjeesaa fi afaan qawween duula sakatta’iinsaa jechuu dararaa ulfaataa irraan ga’aa jira.
Roobii darbe Waxaabajjii 8,2022 godina lixa Wallaggaa ona Ganjii ganda Busaanoo Qunnii jedhamtu keessatti qeerroo Yohaannis Bantii jedhamu kan doqdoqqeen nama deddeebisee jireenya dhuunfaa issa geggeeffatu waaree booda toora sa’a 11:00 irratti rasaasaan rukuchuun ajjeesan.
Reeffi qeerroo Yohaannis Bantii kun hanga gabaasni kun qindaa’etti lafa itti du’ee akka hin kaafanne dhorkamuun achi turuu maddeen ibsaniiru.
Oduu biraatiin ammoo godinuma lixa Wallaggaa ona Gimbii keessatti maqaa sakatta’insa WBO jedhuun uummata dararaa jiru.
Haala kanaanis waraanni weerartuu PP Waxaabajjii 8,2022 ona Gimbii ganda Wadaboo mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessa buufachuun qeerroowwan Oromoo fi hawaasa gandichaa reebuun har’a Waxaabajjii 10,2022 sakatta’insa jechuun afaan qawween uummata hojii isaanii irraa qabuun dararaa turuu odeessi ona Gimbiitii nu qaqqabe ni addeessa.

