Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa onoota adda addaa keessatti uummata nagaa ajjeechaa, saamichaa fi reebichaan dararaa jiraachuun barame

Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa onoota adda addaa keessatti uummata nagaa ajjeechaa, saamichaa fi reebichaan dararaa jiraachuun barame.

ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Murni impaayeera Itoophiyaa afaan qawween fedhii uummataa malee bulchaa jiru Oromiyaa keessatti dararaa himuuf nama qaanessu uummata nagaa irratti raawwachaa jira.

Gocha badii isaa kana Lixa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa ona Gimbii Keessatti itti fufuun qeerroo Oromoo tokko badii malee ajjeesanii jiru.

Waraanni faashistii Abiy Ahimed kaleessa ganama Fulbaana 18, 2022 ona Gimbii ganda Hooree jedhamtu keessatti qeerroo Iddoosaa Kidaanee nama jedhamu ajjeesanii gatan.

Murni faashistii kun ajjeecha raawwachaa jiruun alattis godinuma Lixa Wallaggaa ona Begii keessatti dheengadda Fulbaana 17, 2022 saamicha geggeessaa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Begii ganda 02 keessaa maqaa maatii keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana obbo Gammachuu Abarraa jedhamu cabsuun qarshii 90,000 fi boba’aa barmeelii 1 fudhatanii jiru.

Qarshiin kun qarshii isaan afoosha keessatti buusii ji’aan buusuun kufatanii argatan yoo ta’u maallaqa sana osoo haatii warraa obbo Gammachuu boossuu fuudhanii ishee ammoo tumuun abbaa ishee qabanii gara mooraa isaaniitti geeffataniiru.

Kana malees ona Qondaaalaa magaalaa Qondaalaa keessattii dheengadda Fulbaana 17, 2022 waraanni murna bilxiginnaa dirqiin hawaasa waltajjii baasee olola itti afursuuf yeroo jedhutti uummatni harkaa waan tamsa’eef reebicha irratti geggeessuun kaleessa Fulbaana 18,2022 baadiyaa ona Qondaalaa keessa naanna’uun dhukaasa gurguddaa dishqaa dabalatee gaaratti tumuun uummaticha goolaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa gabaasaniiru.

Exit mobile version