Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii sadii sirna bilxiginnaa ganuun godina Lixa Wallaggaa keessatti gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan 

ONM-ABO Caamsaa 8, 2023

Sirni cubbamaa fi balfamaan guyyaadhaa gara guyyaatti fooniif lafee ilmaan Oromoo bineensa sooraa oolu bilxiginnaan, humnaa fi goyyoomsaan ijoollee Oromoo dirree waraanaatti guuree meeshaa itti hidhee saba isaanii akka lafa irraa dhabamsiisaniif bobbaasus, warreen dhugaan sabaa isaaniif gale mooraa waraana PP bakkoota  garaa garaa keessaa hidhannoo guutuu waliin miliquun qabsoo saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis dheengadda Caamsaa 5, 2023 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 3 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu mooraa Qeelaa Daabbus jiru keessaa meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin waraana bilisummaa Oromootti makamaniiru.

Miseensonni waraana bilxiginnaa kunneenis meeshaa Isinaayipera 1, qawwee AKM Turkii 2, dachaatu 1, gumbii 6, fi rasaasa 562 qabatanii mooraa diinaa onsuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisaniiru.

Loltoonni sirna dabaa PP ganuun WBOtti makaman kunniin sirna nama nyaataa yeroodhaa gara yerootti uummata Oromoo hiraarsaa jiru meeshaa baatanii tajaajilaa turuu isaaniitti saba isaanii dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii jireenya lammiilee isaanii mancaasaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii waliin qabsoo haqaa saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti akka makaman dhaamsa dabarfataniiru.

Exit mobile version