Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo fi Qellem Wallaggaa Aanaa Anifilloo irraa waraanni maafiyaan PP baay’inaan 4 ta’an WBO’tti harka kennatan 

ONM-ABO Caamsaa 31, 2025 

Waraanni biyya tokko irratti dhiibbaa guddaa geessisuu kunis miidhaa dinagdee bal’aa, jeequmsa hawaasummaa bal’aa, miidhaa sammuu fi barbadaa’uu bu’uuraalee misoomaa dabalatee, misooma gufachiisuu fi dhaloota dhufu irratti dhiibbaa uumuu danda’uu kan hubatan miseensonni waraanaa kanneen impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf dirqiin mooraa waraana faashistii PP’tti guuramanii leenji’anii ba’an sirnicha ganuun WBO’tti makamuu jabeessanii itti fufaniiru.

Bifuma kanaanis godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Warra Jaarsoo irraa Caamsaa 28, 2025 miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 2 meeshaa fi hidhannoo guutuun WBO onichaatti kan makaman oggaa ta’u, Caamsaa 30, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anifilloo bulchiinsa magaalaa Seertum irraas waraanni impaayerattii 2 meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin mooraa waraana Biraanuu Juulaa keessaa miliquun ibsameera.

Humnaa fi goyyomsaa jaleewwan sirnichaan qe’ee isaanii irraa qabamuun impaayerattiif akka dhaabbataniif leenjii loltummaa fudhatanii uummata isaaniitti kan bobba’an ilmaan Oromoo kunneen dararaa fi duguuggaa abbaan irree saba isaanii irratti geggeessaa jiru hubachuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gara qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.

Loltoonni sirnichaa duraanii kunneenis simannaa fi kabaja WBO’n isaaniif godhetti gammaduu ibsuun, hubannoo malee sirna saba isaanii gidirsaa jiruuf ergamaa turuutti dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaanii mooraa cubbamaa sirnichaa keessatti hafanii jiraniin ammoo, osoo yeroon jirtuu hidhannoo keessan waliin WBO’tti makamaa saba keessan qaanii gabrummaa keessaa baasaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version