Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana bilxiginnaa 50 ol sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa onoota garaagaraa keessatti WBOtti harka kennatan

Miseensotni waraana bilxiginnaa 50 ol sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa onoota garaagaraa keessatti WBOtti harka kennatan.

ONM-ABO Hagayya 29,2022 Ilmaan Oromoo hojii loltummaan impaayera cubbamtuu Itoophiyaa tajaajila turan hammeenyummaa sirnichaa irratti dammaquun mooraa bilxiginnaa hongeessanii WBOtti harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayyaa 27 fi 28,2022 godina Qellem Wallaggaa onoota akka Gidaamii, Jimmaa Horroo, Gaawoo Qeebbee, Sayyoo fi Anfilloo keessatti miseensotni fi hooggansi waraana bilxiginnaa sadarkaa garaagaraa irra jiran 50 ol meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin sirna cubbamaa fi uummata Oromoo cunqursaa jiru ganuun waraana bilisummaa Oroomo mooraa isaanitti dhihootti harka kennatanii jiru.

Miseensotni waraana PP kunis osoo hin beekinis ta’e goyomsaan yakka uummata Oromoo irratti raawwacha turanif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun meeshaa sirni bilxiginnaa hidhachiisuun uummata Oromootti bobbaasaa tures qabannee dhufnee dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchineerra jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti yaada isaanii ibsataniru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa sirnicha ganan kun meeshalee waraana kanneen akka qawwee AKM Turkii fi kan biroo, rasaasa AKM 5000 ol, bireena, boombii fi hidhannoo guutuu waliin dhufuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo gabbisani jiru.

Itti dabaluunis yaada isaanii yeroo ibsan gareen maafiyaa impaayera Itoophiyaa ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti erguun lubbuu obbaasaa waan jiruuf warreen amma meeshaa diinaa baatanio sirnicha tajaajilaa jiran sirnicha ganuun gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOtti akka makamaniif dhaamsa dabarfataniru.

Ilmaan Oromoo waraana bilxiginnaa turanii sirnichaa ganuun Waraana Bilisummaa Oroomootti harka kennatan simannaa gaarii gochoofiin warreen ammayyuu sirna abaaramaa PP keessa taa’uun uummata isaanii dararaa jiran akka dhiisanii ba’aniif waamicha godheefii jira.

Exit mobile version