Waraanni murna bilxiginnaa 61 sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan.
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Haleellaa rifaasisaa fi qindaa’aa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kamisa darbe Amajjii 5,2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Muggii fi Ashii irratti fudhatee diina buqqiseen booda miseensotni waraana bilxiginnaa mooraa aanoota godinichaa garaagaraa keessaa sirnicha ganuu itti fufanii jiru.
Haala kanaanis miseensotni waraana bilxiginnaa 61 kaleessa Amajjii 9,2023 godina Qellem Wallaggaa mooraa magaalaa Dambii Doolloo keessaa irree fi gaachana uummata Oromoo WBO aanaa Sayyoo keessa socho’utti harka kennatanii jiru.
Waraanni bilxiginnaa dararaa fi aarsaa gatii hin qabne kaffaluu jibbuun sirnicha ganan kun qawwee AKM 61,rasaasa 9150, hidhannoo 61, boombii harka 18 fi dookumentiilee adda addaa mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa kunneen akka jedhanitti haleellaan waraana bilisummaa Oromoon isaan irra ga’aa jiru hamaa ta’uu ibsuun sirna lubbuu isaanii balleessuu malee faayidaa tokko isaaniif hin qabne keessaa ba’anii WBOtti harka kennachuutti gammaduu ibsatan.
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo dhimma isaan ilaallannetti lubbuu isaanii aarsaa gochaa jiran sirna bulguu bilxiginnaa kana ganuun waraana Oromiyaa gooticha roorroon sabaa manaa baase WBOtti akka harka kennatan dhaamaniiru.
Waraanni murna bilxiginnaa 61 sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan

