• Thu. Mar 12th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa 61 sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan

Jan 10, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa 61 sirnicha ganuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti WBOtti harka kennatan.
 
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Haleellaa rifaasisaa fi qindaa’aa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kamisa darbe Amajjii 5,2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Muggii fi Ashii irratti fudhatee diina buqqiseen booda miseensotni waraana bilxiginnaa mooraa aanoota godinichaa garaagaraa keessaa sirnicha  ganuu itti fufanii jiru.
 
Haala kanaanis miseensotni waraana bilxiginnaa  61 kaleessa  Amajjii 9,2023 godina Qellem  Wallaggaa mooraa magaalaa Dambii Doolloo keessaa irree fi gaachana uummata Oromoo WBO aanaa Sayyoo keessa socho’utti harka kennatanii jiru.
 
Waraanni bilxiginnaa dararaa fi aarsaa gatii hin qabne kaffaluu jibbuun sirnicha ganan kun qawwee  AKM 61,rasaasa  9150, hidhannoo 61, boombii harka 18 fi dookumentiilee adda addaa mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
 
Miseensotni waraana bilxiginnaa kunneen akka jedhanitti haleellaan waraana bilisummaa Oromoon isaan irra ga’aa jiru hamaa ta’uu ibsuun sirna  lubbuu isaanii  balleessuu malee faayidaa tokko isaaniif hin qabne keessaa ba’anii WBOtti harka kennachuutti gammaduu ibsatan.
 
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo dhimma isaan ilaallannetti lubbuu isaanii aarsaa gochaa jiran sirna bulguu bilxiginnaa kana ganuun waraana Oromiyaa gooticha roorroon sabaa manaa baase WBOtti akka harka kennatan dhaamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading