Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti hidhattootni kolonel Abiy Ahimediin bobbaafaman namoota lama ajjeessuu jiraattotni himan

ONM-ABO Hagayya 23, 2023

Ajjeechaa gara jabeenyaa loltootni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran daangaa kan hin qabnee fi namuu nagaan ba’ee nagaan galuun Oromiyaa keessatti yaaddoo ta’uu bira darbee ilmaan hiyyeessaa guyyaa guyyaan balleessaa isaanii malee ajjeefamaa oolu.

Hidhattootni maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun hawaasa keessatti bobbaafaman kun faallaa nageenyaa ajjeechaa namoota homa a hin beeknee fi addatti ammoo qonnaan bultoota irratti  kan xiyyeeffatanii hojjechaa jiran yoo ta’u lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii fi Sariitii Dhanquu jedhamu keessatti abbaa maatii kan ta’an obbo Galaanaa Dingataalam Tulluu fi Nagaasaa Dhugumaa kanneen jedhaman bifa sukkaanneessaan ajjeessaniiru jechuun maddeen gandoota kanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Obbo Galaanaan abbaa ijoollee shanii yoo ta’u du’a ga’ii namaa dhaqee galuuf yeroo deemaa jirutti sa’a kana eessaa deemta? Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennuu dhufte jechuun gaafa Hagayya 19, 2023 galgala sa’a 1:00 irratti ajjeessan jedhan.

Akkasumas obbo Nagaasaas Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda, isaaniif heeruu kennita jechuun manuma isaa biratti gaafa Hagayya 19, 2023 haala sukkanneessan ija maatii duratti ajjeessanii deeman jechuun maddeen kun dabaluunis ibsaniiru

Namoota nagaa siyaasa hin beekne ajjeessuun Oromiyaa keessatti daran hammaachaa deemuu jiraattotni ibsuun, yeroo ammas qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjachuun maatii isaanii jiraachisan abbaa maatii irraa ajjeessuun maatiin jiruu gadadoof akka saaxilaman gochaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version