ONM-ABO Caamsaa 28, 2024
Gochaa qorqalbii hawaasaa tuquu fi egeree isaaniitti yaaddoo ta’u guyyuu itti yaadee hawaasa nagaa irratti hojjechaa kan oolan hidhattootni murna bilxigginnaan bobbaafaman akka sabichi ol jedhee hin dhaabbanneef ajjeechaa hanga qabeenya isaa mancaasuu irratti hojjechaa jiru.
Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti ajjeechaa namoota nagaa qabee hanga qabeenya inni qabu guutummatti jalaa gubuun barbaadeessuu fi qe’ee irraa buqqisuun hidhattoota garee PP kanaan jabaatee jiraachuu jiraattotni yeroo hedduu ONM’tti himaa turan.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 26, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee Aabboo iddoo addaa Horfa jedhamutti namoota lama dubartii abbaa manaa hin qabne tokkoo fi abbaa maatii tokko jalaa mana mi’a mana keessaa waliin gubanii barbaadeessuu jiraattotni gandichaa himan.
Namoonni manneen isaanii mi’a mana keessaa waliin jalaa gubachuun barbaadaa’e kunneenis Dabalaa Fayisaa jalaa qorqorroo luukii 50 fi akkasumas, dubartii abbaa manaa hin qabne kan maqaan ishee Muluu Galmeessaa jedhamtu jalaa maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduutiin mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbaadeessuu ibsan.
Gandicha keessaa horii namoota hedduus jalaa saamanii jiraachuu jiraattotni himuun, haalli yeroo ammaa uummanni gandichaa itti jiranis hedduu kan isaan yaadesse ta’uus dabaluun ibsaniiru.

