Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti saamichi waraana faashistii PP’n hammaachuun ibsame

ONM-ABO Guraandhala 4, 2025 

Kufaatii dinagdee fi kasaaraa ulfaataa yeroo ammaa hudhee morma qabee jiru keessaa of baasuuf dhidhiittataa kan jiru murni Bilxiginnaa yeroo ammaa kana goleewwan Oromiyaa cufa keessatti saamicha qabeenyaa uummata Oromoo irratti jabeessee jira.

Godina Lixa Shaggar aanaa  Baakkoo Tiibbee ganda Waraadii jedhamu keessaa torbee darbe nama maqaan isaa Obbo Darajjee Lammeessaa jedhamu deeggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun isa manaa dhabanii sangoota isaa cimdii tokkoo fi qeenxee ooffatanii fudhatanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan.

Murni cunqursaan Bilxiginnaa uummata harka qullaa miidhuun jabdummaa fi gootummaa kan itti fakkaatu akkuma abboota isaanii har’as qaanii fi rifaatuu tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti guyyuu uummata Oromoo ajjeesuu, hidhuu, reebuu fi qabeenyaa isaa mancaasuun daranuu kan duraa irra cimee akka jirus jiraattonni dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version