Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi reebuu hammeessan

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka jiraataniif hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha uummata Oromoo sobaan yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.

Muddee 25, 2024 waraanni faashistii PP aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamu keessaa jiraattota maqaan isaanii:

  1. Gizaachoo Alamuu fi
  2. Zariihuun Filee jedhaman jalaa hoolota 22 fi harroota 2 badii tokko malee saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees ganduma kana keessaa guyyaadhuma kana:

  1. Amdee Alamuu,
  2. Geetaachoo Nagaraa fi obboleessa isaa,
  3. Balaachoo Nagaraa jedhaman 

yakka tokko malee reebicha hamaa irratti raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluun, yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Jiraattonni kunneen balleessaa tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version