Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaalee Baakkoo Tibbee fi Dirree Hincinnii keessatti hidhaa fi saamichi ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gibee jedhamu keessaa Caamsaa 15, 2025 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Lammeessaa Tasammaa,
  2. Malkaamuu Alamuu,
  3. Xilaahuun Geetaachoo fi obboleessa isaa,
  4. Tamasgeen Geetaachoo 

kanneen jedhaman loltoonni faashistii PP badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni hidhaman kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa qofaaf yakkuun, Lixa Oromiyaa gara godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee geessuun hidhanii jiraachuu dubbatu.

Kana malees, godinuma kana aanaa Dirree Hicinnii ganda Goolaa Dammaqaa jedhamu keessaa Caamsaa 14, 2025 dubartii abbaa warraa hin qabne haadha ijoollee 3 kan taate, nama maqaan ishee Aadde Adaanech Tuujubaa jedhamtu ammoo maqaa “ilma kee bosonaa galchuu didde” jedhuun sa’a hameessa 2 waatii 2 waliin jalaa ooffachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version