ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Gobbuu jedhamu keessatti Caamsaa 15, 2025 waraanni faashistii PP gandicha keessa naanna’uun; “maallaqni armaan dura ijaarsa waajjira gandaatiif funaanamee ture hojii kan biroof oole” jechuun irra deebiidhaan nama tokko irraa qarshii 1,500 dirqamaan guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata BiyyoolessaOromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, jiraattota qarshii gaafataman kana kennuuf of harkaa dhaban ammoo walitti qabanii doorsisaa fi hidhaa erga irratti raawwatanii booda beellama guyyaa 3 qabanii akka maallaqa kaffalaniifis hiraarsaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, aanichuma magaalaa Baakkoo keessatti Caamsaa 16, 2025 saamtonni Bilxiginnaa kunneen wal gahii ariifachiisaa jechuun daldaltoota magaalichaa dirqamaan galma bulchiinsaatti walitti qabanii kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

