ONM-AB Ebla 20, 2024
Humnoonni badee balleessaan daguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf koloneel Abiy Ahimediin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman qabeenya hawaasa nagaa saamuu, gubuu, ajjeechaa suukaneessaa jumlaan uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru.
Ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiginnaa Ebla 16, 2024, Godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Geledee jedhamtu keessatti mana namoota 4 qabeenya guutuu waliin gubuun kaan ammoo kan saaman yoo ta’u, aanaa Bulee Horaa ganda Buudaa Magaadaa iddoo addaa Herreeddii Daraarootti nama maqaan isaa Teesisaa Arboo Magaadoo jedhamu haadha warraa isaa jalatti doorsisuun isa ammoo maatii isaa irraa rasaasaan kan ajjeesan yoo ta’u, gaafa Ebla 17, 2024, ganduma kanatti dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii Dambalaa safaayii, fi Tasfaayee Komoodoo jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan maddeen gabaasan.
Kana malees godinuma kana keessatti humnoonni waraana PP mooraa Universitii Bulee Horaa keessa qubsiifamanii jiran namoota nagaa 25 ol uukkamsanii mooricha keessatti hidhaa turan Ebla 12, 2024 halkan tokkotti hunda isaanii baasuun aanaa Bulee Horaa iddoo addaa Maddoo jedhamutti akka ajjeesan maatiin namoota kanneeniii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

