ONM-ABO Ebla 15, 2024
Ergamtoonni sirna faashistii PP koloneel Abiy Ahimediin qe’ee ilmaan Oromootti bobbaafaman gaddaa fi gadadoo uummatichatti uwwisaa jiran itti fufuun ammas gocha diinummaa isaanii uummata Oromoo irratti jabeessanii jiru.
Rasaasa bulchiinsa abbaa irree impaayera Itoophiyaan ilmaan isaa dhabaa kan oolu sabni Oromoo kan yeroo kamuu caalaatti ammas dararaa sirna gabroomfataa PP’n argaa jira.
Haaluma kanaan saamtonni murna PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Amoomaa jedhamtu keessatti Ebla 12, 2024 halkan keessaa toora sa’a 6:30 irratti mana dhugaatii nama maqaan isaa Lataa Mul’ataa jedhamu Cabsanii seenuun dhugaatii erga humnaan irraa dhuganiin booda isaa fi namoota ollaa isaa irratti reebicha ulfaataa raawwatanii dhukaasa banuun hawaasa gandichaa shororkeessaa kan bulan yoo ta’u, aanaa Begii ganda Koobbaree keessatti ammoo nama maqaan isaa Sheek Raamatallaa Musxafaa jedhamu poolisoonni aanichaa mana isaa balbalatti rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan maddeen gabaasan.
Aanaa Baabboo Gambeel Ganda Daamotaa keessatti ammoo namoota maqaan isaanii Kamaal Daggafuu fi Kolfee Jamaal jedhaman jalaa manaa fi qabeenya mana guutuu ibiddaan barbadeessuu maddeen dabaluun himan.
Irra deddeebiin aanota kanneen keessatti ajjeechaa fi saamichi daangaa hin qabne geggeeffamaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

