ONM-ABO Ebla 16, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti Yeroo irraa gara yerootti ilmaan Oromoo saamuu, hidhuu, ajjeesuu fi qabee dhabamsiisuu kan adeeffate waraanni shororkeessaa bilxiginnaan dararaa ulfaataa hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Ammas kan Yeroo kamuu caalaatti hawaasa nagaa qabee mana hidhaatti naquun reebicha hamaa irratti kan geggeessaa jiranii fi qabeenya hawaasaas saamuun jireenya hiyyummaaf saaxilaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Ebla 9, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa magaalaa Baamsoo jedhamu keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa nama maqaan isaa Usmaan Hundeessaa jedhamu karaatti qabuun osoo inni qotiyyoo gurguratee galaa jiruu doqdoqqee irraa buusanii qarshii 600,000 irraa fudhachuu maddeen gabaasan.
Oduu biraatiin ammoo godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa Ganda Guutuchaa jedhamtu keessatti ammoo Ebla 14, 2023 halkan keessaa toora sa’a 9:00’tti namoota 10 kanneen maqaan isaanii Abdurramaan Qaasim, Sayid Gulummaa, Kamaal Adam, Kiyaar Kamaal, Yaasin Bariisoo, Duruu Abbuu, Duruu Kaliil, Maammaa Abbuu, Aabbee Faajjoo fi Hasan Aabbee kan jedhaman badii tokko malee qabanii mana hidhaatti galchuun dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

