Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti waraanni Bilxigginnaa mana maatii qabsa’ootaa irra deemuun doorsisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu iddoo addaa Qarsaa Maaruu jedhamu keessatti waraanni murna PP Ebla 1, 2025 manneen maatii qabsaa’otaa kanneen rakkoo nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feesisne ilmaan keessan bosona jiran hanga galchitanitti jiraachuu hin dandeessan jechuun reebicha, doorsisaa fi dhiibbaa addaa addaa irratti raawwachuun ibsame.

Dabalataanis ijoollee kana qabdanii qaamaan Waajjira aanichaatti hin fiddan taanaan yeroo itti aanutti deebinee qabeenyaa fi qe’ee keessan gubnee barbadeessina jechuun beellama badiisaa ykn yakkaa qabatanii deemuu maddeen keenya ONM’tti dubbatan.

Dararaan akkanaa kun guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti jabaachuun uummanni qe’ee fi qabeenyaa isaa akkasumas lubbuu isaatiif wabii dhabuun nagaan ba’ee galuu mitii mana isaa keessayyuu buluuf yaaddoo jireenyaa hamaa keessa kan jiru oggaa ta’u, gama biraan murni Bilxiginnaa duguuggaa sanyii daangaa darbe uummata irratti raawwachaa akka waan uummatichaaf dhaabbatee jiruutti soba dhugaa irraa fagoo ta’e karaa miidiyaa fi jaleewwan isaan uummatatti nagaa lallabaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version