Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti waraanni maafi’aa PP jiraattota jalaa buna kuntaala 184 fi maallaqa dabalatee qabeenyaa jiraattotaa dukkaana keessaa saamuun himame

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Waraanni gabroomfataa PP Wiixata Bitootessa 4, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu, Najjoo fi Jaarsoo irraa wal-ga’uun aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu bakka addaa Baddeessoo jedhamuu qabeenyaa guddaa maallaqa, buna, mi’oota dukkaana keessaa, dhugaatii fi horii ooffachuun akka deeman jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Abbaa qabeenyaa kan ta’an obbo Tsaggaayee Qajeelaa kan jedhamu Jiraataa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu kan ta’e torbee darbe keessa waraanni maafi’aa PP qabanii bulchiinsa magaalaa Warra Jiruutti akka hidhan himame.

Erga hidhamee boodas Bitootessa 4, 2024 gara bakka hojii isaa deemuun buna obbo Tsaggaayeen bitaa ba’e kuntaala 175, madaala bunaa, dukkaana keessaa guutuummaatti qabeenyaa saamuun, dhugaatii fi damma kuntaala hedduu akka fe’atanis dabaluun jiraattotni himaniiru.

Dabalataanis ogeessa fayyaa Hiikaa Tuujjubaa jalaa buna kuntaala 4, uffannaa halkanii, Siree fi kanneen biroo yoo saaman, obbo Eliyaas Qixxaataa jalaa buna Kuntaala afuriif wallakkaa meeshaalee dukkaana keessaa kan qarshii 200,000 oliin bitame saamaniiru

obbo Caalaa Gabbisaa madaala bunaa, Waangeelaawwii Qananii dukkaana guutuu madaala dabalatee kan saamamee fi maanguddoo Goobanee Waaqwayyaa jalaa ammoo maallaqaa fi dhugaatii saamuun beekameera.

Dabalataanis abbaa Gadaa Sheek Eliyaas Tashoomaa sababa isa mana dhabaniif maatii isaa mana keessan gubnaan doorsisaa kan turanii fi ganda Odaa Garii bakka addaa Qeexoo jedhamuus boqqolloo hedduun jiraattota jalaa waraana faashistii PP’n saamamuun himameera.

Exit mobile version