ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Waraanni faashistii PP farra namoomaa ta’uun yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti jireenya ilmaan Oromootti hadheessuun, dachee Oromoo dirree dhiigaa godhanii, safuu fi kabaja ilmi namaa qabu irraa mulquun namoota nagaa erga ajjeesaniin booda gubuu, bineensa nyaachisuu fi reeffi namoota du’anii akka hin awwaalamne taasisuun gochoota dabaa hojjechaa jiru.
Haaluma kanaanis Sadaasa 14, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Somboo Dooroo keessatti uummata nagaa irratti waraanni Maafi’aa PP dhukaasa erga bananiin booda daa’ima tokko bakka inni loon tiksutti rasaasaan rukutanii akka ajjeesantu dubbatama.
Dabalaatanis namootni sadii gocha waraana bilxiginnaa kanaan yakka tokko malee ganduma Somboo Dooroo keessatti qabamuun mana hidhaa magaalaa Najjoo keessatti reebichi ulfaataan irraa ga’aa akka jiru maddeen dabaluun himu.
Oduu saamichaan Wal qabatuun lixa Wallaggaa aanaa lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu keessatti Sadaasa 15, 2023 waraanni Maafi’aa PP buufata fayyaa gandicha bakka haadholiin ulfaa itti tajaajilamanii fi daa’imman Umuriin isaanii shanii gadii itti kunuunfamanitti seenuun qorichootaa fi mi’oota buufaticha keessatti argaman Hundumaa gadi baasanii gubuun mooricha barbadeessanii deemuun dhaga’aame.
Ganda kana keessatti qabeenyaan Namoota dhuunfaas Qaamota kanaan kan barbadaa’e yoo ta’u, Nama Fayyisaa Haayiluu jedhamu ogeessa Fayyaa hawaasa tajaajiluuf gandicha keessatti mana yaalaa dhuunfa banate jiru jalaa, mana yaalaa isaa cabsanii seenuun qorichoota manicha keessaa hunda walitti qabanii gubuun barbadeessanii kan deeman yoo ta’u, Tsaggaayee Qajeelaa jalaa ammoo qabeenyaa fi Mana isaa irra miidhaa qaqqabsiisuun, Dunkaana nama Eliyaas Qixxaataa jedhamuus akka cabsan maddeen dabaluun himuun, dargaggoo Zakkaariyaas Dinqaa jedhamu ammoo qabuun reebicha ulfaataa Erga irratti raawwataniin booda gadi dhiisuuf dubbatan.

