ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024
Sirni tortoraan qarree kufaatii irra ga’ee jiru bilxiginnaan, siyaasaa fi dinagdeen raafamee waan qabuu fi gadi dhiisu wallaale, maqaa WALQO fi gibira funaanuu jedhuun bobba’anii uummata qaala’iinsa jireenyaan of jireessuunuu itti ulfaatee jiru, dirqamaan afaan qawwee fayyadamuun namoota irraa maallaqa funaanuuf rakkisaa jiru.
Haaluma kanaan golee Oromiyaa mara keessatti ajjeechaa, hidhaa, saamicha, qe’eerraa buqqisuu fi dhiitamiinsi mirga namoomaa itti fufee jiraachuun, Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuu keessa kan jiraatu nama maqaan isaa Umar (Daayyoo) Baqqalaa jedhamuun beekamu, Guyyaa kaleessaa jechuun Caamsa 31, 2024 ganama sa’a 4:30 irratti bakka hojii isaa mana Baaburaa Midhaaniitti qacaramee hojjetutti waraanni sirna PP rasaasa itti dhukaasuun miillarra rukutanii bira darbanii jiraachuu jiraattotni ibsan.
Namni kun yeroo ammaa madoo ulfaataa irra ga’een du’aa fi jireenya gidduu kan jiru yoo ta’u hospitaala Baabboo Gambeel geeffamuun yaalamaa akka jirus ibsan.
impaayerattii keessatti namni balleesseef osoo hin taane jaalala teessuma aangoo isaaf bilxiginnaan qabu tiksuuf, waadaa uummataaf galan kan cabsaa oolan, maqaa addaa addaa itti maxxansanii yakkaa kan oolan yoo ta’u, namni Kunis balleessee oso hin taane Oromummaa isaan yakkanii bakka hojii isaattii itti dhukaasuun akka madeessan dabaluun ibsaniiru.

