Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu fi Lataa Sibuu keessatti gubaatiin manneenii, hidhaa fi ajjeechaan loltoota PP’n raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024 

Uummanni Oromoo sababa Oromummaa isaa qofaaf cubbamuun qe’ee fi qabeenya isaa irratti bara dhufaa darbaa ergamtoota sirnichaan ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi gubaatiin manneenii irratti raawwatamaa jira.   

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Karra Waayyuu iddoo addaa Qoddii jedhamu irraa Onkoloolessa 26, 2024 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Baacaa Barii jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenya isaa ibidda itti shiduun qabeenya hunda waliin barbadeessanii jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.            

Akka jiraattotni himanitti, Obbo Baacaan nama nagaa siyaasa kam irraa walaba ta’ee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf mana isaa jalaa gubuun maatii isaa roobaa fi hoongeef saaxilanii jiraachuu dubbatu.   

Oduu hidhaatiin ammoo magaalaadhuma Karra Waayyuu keessaa Onkoloolessa 25, 2024 namoota maqaan isaanii: 

  1. Galataa Darajjee,
  2. Tsaggaayee Bantii,
  3. Biraanee jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniru.

Akkuma kanaanis finxaaleessitoonni koloneel Abiy Ahimed  erga tarsiimoo fooyya’aa jedhanii yaadan karaa pireezedaantii naannoo Oromiyaa jechuun  of waamu Shimallis Abdiisaan ijaarsi gandaa bifa haaraan eegalee qabee lubbuun guyyaa guyyaan Oromiyaa keessatti ba’aa jiru kan duraa irra daran jabaachuun Onkoloolessa 27, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda  Muraa Waankiitti dargaggeessi tokko ajjeefamuun ibsameera.

Dargaggeessi ajjeefame kunis maqaan isaa Carraa Damee Ammayyaa kan jedhamu yoo ta’u, humni goolessituu murna garboomfataa PP mana maatii isaatii qabanii haadhaa fi abbaan osoo duukkaa deemanii mucaan keenya siyaasa irraa bilisaa! gadi nuuf lakkisaa jedhanii osoo boo’anii kadhatanii Onkoloolessa 26, 2024 qabuun, guyyaa tokko booda Onkoloolessa 27, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakketti gataniiru.

Exit mobile version