Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti waraanni garboomfataan PP maatii qabsaa’otaa gidirsaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

“Oromoon waggoota dheeraadhaaf hummaan cabee imphaayerattii keessa jiraachaa kan ture  yoo ta’u, sababuma dachee magariisaa fi namummaa gaarii qabuuf warreen eenyummaa isaa balleessanii qe’ee isaa mancaasuu barbaadaniin dararaa ulfaataan irra ga’aa jira.

Qorannoowwan seenaa akkuma dubbatan, Oromoo fi imphaayerri Itiyoophiyaa diinummaa guddaa kan waliin qaban yoo ta’u, sabni akka gaanfa Afrikaatti aadaa, duudhaa fi safuun isaa addunyaa ajaa’ibsiisu imphaayerattii keessatti garuu ba’ee nagaan galuun itti ulfaateee rakkachaa jira.

Haaluma kanaanis Hagayya 11, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti waraanni abbaan irree koloneel Abiy Ahimed hawaasatti bobbaase dararaa jabaa jiraattoota irratti raawwachuu itti fufuun namoota ilmaan isaanii miseensa WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’aniin guyyaa kaleessaa irraa eegalee hin galchitan taanaan jumlaan isin fixna jechuun doorsisaa akka turan ifoomeera.

Kana malees guyyuma kaleessaa magaalaa Goorii keessatti namoonni hedduun badii tokko malee waraana garboomfataa PP’n reebamuunis beekameera.

Exit mobile version