Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti waraanni faashistii PP dargaggeessa tokko ajjeesanii reeffa maatii dhorkachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Bilxiginnaan olaantummaa sirnichaa kan afaan qawween  ijaarame jabeeffachuuf jecha hawaasa nagaatti lola labsuun ajjeechaa Oromiyaatti geggeessaa jiraniin ilmaan Oromoo yakka tokko malee duguuggaan sanyii irratti geggeeffamaa jira.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti dargaggoo Taammiruu Habtee jedhamu Kibxata darbe halkan sa’a 3:00 irratti waraanni faashistii PP maatii isaa biraa qabuun Chaappaa kan gandoota adda addaa ja’aatu si harka jira jedhanii guyyaa tokkoof dararaa ulfaataa irratti taasisaa erga turaniin booda Roobii darbe Hagayya 28, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekameera. 

Dargaggoo Taammiruun bulchiinsa magaalaa Goorii iddoo addaa Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan ajjeefame yoo ta’u, yeroo gabaasni kun qindaa’etti reeffa isaa maatii dhorkachuu jirattootni bulchiinsa magaalaa Goorii ONM’tti himaniiru.

Maatiin dargaggoo ajjeefame kanaas bulchiinsa magaalaa Warra Jirruu deemuun reeffi akka isaaniif kennamuuf kadhatanis lukkeeleen bilxiginnaa maatii ari’uun reeffa dargaggeessa kanaas eegaa akka turan beekameera.

Exit mobile version