Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’aame

ONM-ABO Ebla 24, 2023

Dhaadannoo yeroo dheeraaf impaayerattii cafaqee bulchuu qabatee kan socho’aa jiru, murni bilxiginnaa Abiy Ahimediin  hogganamu, yeroo aangootti dhufee kaasee afaaniin dubbii jaalalaa dubbachaa garuu ammoo namoota sabaan qoodee sanyii duguggaa raawwachuu jabeessuun ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee ajjeesaa jira.

Dheengadda Ebla 22, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Abboonnoo jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Dirribaa Takilee jedhamu osoo inni daandii irra deemuu badii tokko malee itti dhufuun rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Murni waanta qabee gad dhiisu wallaalee rakkachaa jiru, sochii maqaa sakkattaa WBO fi nageenya tasgabbeessuu cufaan bobba’aanitti namoota nagaa ajjeesuun namootatti jireenya hadheessanii jiraachuu jiraattoonni aanaa Jaarsoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise miira gaddaan yaada isaanii ibsataniiru.
Godina baha Wallaggaa aanaa

Exit mobile version