Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti waraanni Biltsiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun

ONM- ABO Eebila 26, 2023

Murni afaan qawween cafaqee bulchuu barbaadu bilxiginnaan waraana isaa bobbaasuun gocha suukkanneessaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti ol adeemaa irraa  qabee hanga maanguddoottii lubbuu obbaasaa jira.

Haaluma kanaan dheengadda Eebila 22, 2023 Godina lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Abboonnoo Diillaa jedhamtu keessatti dargaggeessa maqaan isaa Dirribaa Takilee jedhamu badii tokko malee shakkii WBO waliin quunnamtii qabda jedhuun rasaasa itti roobsuun waraanni PP galaafate.

Dargaggoon kun nama hawaasa gidduutti jaallatamaa fi kabaja hawaasichaa qabu yoo ta’u, doqdoqqeen nama deddeebisee jiruu dhuunfasaa geggeeffachuu malee nama homaa tokko keessaa hin qabne ta’uu jiraattotni dubbatu.

Exit mobile version