ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Waraanni yeroodhaa gara yerootti uummata Oromoo balleessuu irratti xiyyeeffate golee Oromiyaa mara keessatti bobba’uun uummata Oromoo saamuu, hidhuu fi ajjeesuu dabalatee gochoota hin malle raawwachaa oolu yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuun uummanni hiraarfamaa jira.
Akkaatuma kanaan Adoolessa 19, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Nya’aa jedhamu keessatti goolessitoonni sirnichaa daa’ima maqaan isaa Biqilaa Habtee jedhamu kan umuriin isaa 12 ta’e rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan yoo ta’u, hiriyaa isaa kan waliin sa’a tiksan Gaarii Habtaamuu kan jedhamu ammoo madeessuun du’aaf jireenya gidduu jira.
Humni waraana sirnichaa badii tokko malee uummata nagaa ajjeesaa ooluun bartee kan itti ta’e guyyaa kana gocha kana kan raawwatan Poolisii aanichaa Abiree fi Garramuu ta’uus jiraattonni naannichaa keessa beekan ni addeessu.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraataa gandichaa tokko dubbise jedhetti rakkoon kun irra deddeebiin kan raawwate waraana sirnichaan ol adeemtota keenya hedduu dhabne jechuun kaasee, kanas falmaa WBO’n itti jiru duukaa hiriiruun roorroo kanatti goolabbii gochuutu furmaata jechuun yaada isaa ibsateera.

