ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Uummanni Oromoo biyya abbaa isaa irratti akka lammii lammaffaatti moggaatti dhiibamuun jaarraa tokkoof walakkaa oliif eenyummaan isaa sarbamee, hidhamuu, qabeenyaan isaa saamamuu fi ajjeefamuun hiraarfamaa jiraachaa har’a ga’ee jira.
Sirna diddaa garbummaafis kumootaan dhiigni sabichaa dhangala’aa turus, bara murni Bilxiginnaa aangoo impaayerattii of harkaa qabu kanattis aara galfii tokko malee ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufuun Sadaasa 16, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Qakkii Hadaree keessatti nama maqaan isaa Bultii Folee Eebbaa jedhamu ajjeesanii deemuun ibsameera.
Bultiin abbaa ijoollee lamaa ogguu ta’u deggeraa paartii kamiiyyuu akka hin taanes jiraattonni ONM’tti himuun, waraanni maafiyaa PP kunneen gara qe’ee isaatii akkuma deemaniin hojii loojistikii Waraana Bilisummaa Oromoof hojjetta jechuun hojii nama kanaa malee ajjeesanii deemuus himan.
Sirnoota siyaasa impaayera Itiyoophiyaa darban irraa eegalee uummanni Oromoo qoodiinsa sanyummaa sabaa fi sab-lammiilee jiran hunda irraa addatti ilaalamuun ajjeefamaa kan turan ta’us bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa ammoo ajjeechaan guyyuu hiree sabichaa ta’ee jira jechuunis dabaluun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Miseensi milishaa sirna PP tokko Jimaata darbe Sadaasa 15, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Warra Jirruu Baarkoo bakka addaa Biiruu jedhamutti sirni PP kan Oromoo qaamaa qalbiin cabsuuf rafee hin bulle dargaggoo Efireem Naggasaa jedhamu nama hirmaannaa siyaasaa kam irraa qooda hin qabne, Abbaan isaa milishaa ta’e, Naggasaa Amaduu jedhamu itti bobbaasuun abbaan kun salfii malee ilma isaa rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan taasisee jira.

