ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Sirni abdii murataan bilxiginnaa ganamaa fi galgala dhiiga ilmaan Oromoo akka dhibaayyuutti gadi naquun beekamu ilmaan Oromoo hidhata siyaasaa homaayyuu hin qabne bakka hundatti adamsee ajjeesuun gara jabummaa isaa Hitileriin wal fakkaatu ifatti ibsuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallagga aanaa Lataa-Sibuu bulchiinsa nagaalaa Goorii bakka addaa Qilxuu-Buluu jedhamutti Sadaasa 11, 2024 dargaggoo Daani’eel Tarfaasaa jedhamu badii tokko malee bitamtoonni sirna abbaa irree tiksuuf bobbaafaman Oromummaa isaa qofaaf rasaasa akka bokkaatti itti roobsuun daandii irratti ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Kan badiif ka’e nama galaafata akkuma jedhan sirni badee balleessaan bilxiginnaa ofii badee uummata balleesuuf karoorfachuun maqaa WBO jedhu da’eeffatee gochoota suukkaneessaa garaa garaa irratti raawwachuu kan duraa caalaatti hammeessee jira. Sababa kanaanis guyyaa guyyaatti du’aatiin namoota nagaa dabalaa deemuun, uummanni ba’uuf galuu yaadda’aa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

