ONM-ABO Sadaasa 8, 2024
Waraabeyyiin ilkee hedduu Bilxiginnaan, dhiiga ilmaan Oromoo soorachuun aangoo irra bubbulaa jiran Oromiyaa bakkoota hedduutti maanguddootaa hanga daa’immaniitti waraana sammuun adoodee naatoo tokkollee dhala namaaf hin qabne itti bobbaasuun ajjeesaa fi hidhaa jiraachuun kan beekamuudha.
Akkaatuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu ganda Giidda Geeboo keessatti waraanni hammeenyaan guutame kun Sadaasa 7, 2024 namota nagaa ilaalcha siyaasa dhaaba kamii hin qabne isin WBO nyaachiftu jechuun namoota maqaan isaanii:
- Asteer Gizaw,
- Daannoo Dassaa,
- Xurunaa Gaarii,
- Shifarraa Biraanuu fi
- Mararaa Eliyaas jedhaman hidhanii hiraarsaa akka jiiran maddeen ONM’tti himan.
Ganduma Gidda Geeboo kana keessatti guyyaadhuma kana sirni ilmaan Oromoo akka hin baranne barbaadu nama maqaan isaa Simoon Waaqtolaa Dabalaa jedhamu barataa kutaa 6’ffaa, kan umriin isaa ganna 15 ta’e rasaasa 5 itti roobsuun ajjeesanii darbuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

