• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti waraanni goolessaan sirnichaa hidhaa jumlaa fi ajjeechaa hammeessan

Nov 9, 2024

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Waraabeyyiin ilkee hedduu Bilxiginnaan, dhiiga ilmaan Oromoo soorachuun aangoo irra bubbulaa jiran  Oromiyaa bakkoota hedduutti maanguddootaa hanga daa’immaniitti waraana sammuun adoodee naatoo tokkollee dhala namaaf hin qabne itti bobbaasuun ajjeesaa fi hidhaa jiraachuun kan beekamuudha.

Akkaatuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa  Lataa-Sibuu ganda  Giidda Geeboo keessatti waraanni hammeenyaan guutame kun Sadaasa 7, 2024 namota nagaa ilaalcha siyaasa dhaaba kamii hin qabne isin WBO  nyaachiftu jechuun namoota maqaan isaanii: 

  1. Asteer Gizaw, 
  2. Daannoo  Dassaa, 
  3. Xurunaa Gaarii, 
  4. Shifarraa Biraanuu fi 
  5. Mararaa Eliyaas jedhaman  hidhanii hiraarsaa akka jiiran maddeen ONM’tti himan.

Ganduma Gidda Geeboo kana keessatti guyyaadhuma kana sirni ilmaan Oromoo akka hin baranne barbaadu nama maqaan isaa Simoon Waaqtolaa Dabalaa jedhamu barataa kutaa 6’ffaa, kan umriin isaa ganna 15 ta’e rasaasa 5 itti roobsuun ajjeesanii darbuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading