Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana-Sibuu keessatti hidhattoonni PP nama nagaa tokko ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Sirni abdii murataan Bilxiginnaa ganamaa fi galgala dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasee barcuma teessoo isaa tikfachuu bare, qarriffaa ajjechaa isaa jabeeffachuun namoota nagaa hidhata siyaasaa homaayyuu hin qabne bakka hundatti adamsee ajjeesuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Buukee Saccii keessatti, qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Birraatuu Teessoo Jigii jedhamu Sadaasa 8, 2024 guyyaa keessaa sa’atii 7:00 irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesuun beekamee jira.

Akka maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti murni dhala namaaf gara laafina tokkollee hin qabne kun daba hojjechuu hammeessuun, wabii uummatni nagaan ba’ee galuu waan dhorkateef, falmaa hadha’aa Waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru cinaa dhabannee sirna guyyuun lubbuu ilmaan Oromoo balleessaa oolu of irraa folqolchuun fardiidha jedhan.

Exit mobile version