Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsatti qonnaan bulaa tokko waraanni koloneel Abiy Ahimed ajjeese

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Duulli duguuggaa sanyii waraana sansakkaa waraanummaa hin qabneen Oromiyaa mara keessatti raawwatamaa jiru keessayyuu erga bara Bilxiginnaan aangoo qabatee kaasee daran jabaachuun miidhamni lammiilee impaayerattii dabaluun dhumaatiin uummata nagaa rasaasa bilxiginnaan irratti raawwatamaa jira.

Bu’uuruma kanaan shiftoonni akka gochoota badii rawwataniif bobbaafaman sadaasa 8, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Addaamuu Bantii Yaadataa jedhamu godina Lixa Wallagga aanaa Boojji Coqorsaa ganda Giddaa Biqqir keessaa qabuun aanaa Jaarsootti hidhaa turuun mana hidhaatii halkan baasuun kaleessa ganama bakka addaa Qaajjii jedhamutti ajjeesanii darbuu ONM’tti himan.

Sirni abbaa irrummaa isaa guutummaan guutuutti beeksifatee jiru kun dhala namaaf gara laafina tokko malee mirga jiraachuu uummata Oromoo mulquun  hawaasni nagaan qe’ee isaa irra jiraachuu dadhabee mana isaatti du’a eeggachaa jiraachuun aadaa ta’ee jira.

Exit mobile version