Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti ilmaan Oromoo hidhuunii fi mana qonnaan bulaa gubuun itti fufe

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti ilmaan Oromoo hidhuunii fi mana qonnaan bulaa gubuun itti fufe.

ONM – ABO – Sadaasa 29, 2022 Waraanni sirna faashistii bilxiginnaa bakkoota hedduutti manneen qonnaan bultoota gubuun qabeenyaa mancaasu fi ilmaan Oromoo hidhuun daraaraa ulfaataa irraan ga’uu cimsanii jiru. Sadaasa 27,2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Abbichuu Shogootti mana obbo Naggaasaa qabeenya mana keessaa waliin Ibiddaan gubanii erga barbadessaaniin booda ijoollee isaanii obboleeyyan lama dargaagoo Indaaluu Naggaasa fi shammarree Algaa’ee Naggaasaa kan jedhaman sabaaba obbolessi isaanii waraana murnichaa keessaa miliqee qofaaf isintu akka ba’uu taasise jechuun qabanii manatti hidhaatti rakkisa jiru. Shammarree Fayinee Abdisa aanuma Sayyoo ganda Dullii irraa badii tokko malee qabanii mana hidhaatti daraara jiraachu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Gochii manneen qonnaan bultoota gubuu fi ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhuu kun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti waraana fashiistii bilxiginnaan raawwatamaa waan jiruuf uummanni Oromoo bakka jiruu tokkoomee sirna nama nyaataa kana of irraa buqqisuun nagaa waaraa gonfachuu qaba kan jedhan jiraattota ona Sayyoo ti.

Exit mobile version