Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti waraanni bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko ajjeesuun beekame  

ONM-ABO Mudde 4, 2023

Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti gurri namaa hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi ajjeechaa suukanneessaa waraanni bilxiginnaa raawwatu malee waan aagaa dhaga’aa hin jiru.

Waraanni bilxiginnaa dheengadda Muddee 2, 2023 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Kuree Gayib iddoo addaa Corristuu jedhamtutti ganama bariin sochii taasisaniin mana qonnaan bulaa maqaan isaa obbo Magarsaa Kalkal jedhamutti marsuun meeshaa jiru fidi jedhanii sakatta’uun homaa erga dhabanii booda ija maatii duratti rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen gabaasan.

Obbo Magarsaa Kalkal hojii qonnaa isaaniin ala, tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne ta’us, waraanni Abiy Ahimed yakka tokko malee ajjeesuun maatii isaa bakkeetti facaasan.

Hireen Oromoo ajjeechaa fi hidhaa ta’uu isaatti kan gaddan jiraattotni aanaa Sayyoo, Oromoon iddoo mara taa’ees du’uun waan hin oolleef tokkummaan kaanee sirna duguuggaa sanyii nu irratti raawwachaa jiru kana of irraa haa kuffisnu jechuun dhaamsa isaanii uummata Oromoof dhaamaniiru.

Exit mobile version