Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi manneen irratti gubuu cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Lootii Aannoo jedhamu irraa torban darbe keessa waraanni Abiy Ahimed nama maqaan isaa: 

  1. Ifaa Nagarii jedhamu jalaa qotiyyoo 3, 
  2. Darajjee Shibbiruu jalaas qotiyyoo 1 qalatanii nyaachuu 

maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi irratti raawwate kunneen qonnaan bultoota siyaasa tokkollee keessaa hin qabne yoo ta’an, ergamtoonni Abiy Ahimed ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun qotiyyoo isaan qaban jalaa qalatanii harka qullaatti hambisuun oomisha qonna Arfaasaa illee akka isaan yeroon hin oomishanneef danqanii jiraachuus dubbatu.

Kana malees, aanichuma ganda Abee Dullachaa keessaa ammoo ji’a darbe keessa nama maqaan isaa Dachaasaa Jaarsaa jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuun ibsameera.

Teessuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman ergamtootni Bilxiginnaa uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa jiru.

Exit mobile version