ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Waraanni murna bilxiginnaa waan qabuuf dhiisu wallaale, manneen namoota nagaatti dhukaasa banuun gara bosonaatti erga baqachiiseen booda of duuba deebi’uun mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubee barbaadeessuu itti fufee jira.
Erga bosonatti baqachiisaniin booda ammoo isin maal asii gootu deggartoota WBO’ti jechuun uummata dhukaasa baqatee bosonatti fiige kana jumlaan funaananii ajjeesaa jiru jechuun jiraattonni godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu dubbatu.
Bifuma kanaan Hagayya 10, 2024 aanaa Jajuu ganda Hurutaa Dooree jedhamu keessatti maanguddoo maqaan isaaa Sayyidaa Aliyyii jedhamu mana isaa keessaa baasuun sababa inni Oromoo ta’e qofaaf rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu jiraattonni gandichaa.
Namni kun nama hawaasa isaa keessatti jaalatamaa fi waan danda’u cufaan hawaasa isaa tajaajilu waan ta’eef gidiraa uummata barsiisaa jirta jechuun ija maatii fi hawaasa ollaa mana isaa biratti akka ajjeesaniis dabaluun dubbatu.
Akka Jiraattonni jedhanitti maanguddoon kun sababuma sabboonummaa qabuuf jecha ajjeefame malee waanti inni gidiraa uummata barsiise hin jiru jechuun, ajjeefamuu maanguddoo kanaattis hawaasni gandichaa hedduu mufachuu ibsan.
Gandichuma keessaa hawaasa hedduu iddoo dalagaa isaaniitii jumlaan qabanii mana hidhaatti kan naqan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne:
- Kariim Amaan
- Hasan Gannaa
- Bonjaa Waaqoo
- Bokonaa Waaqoo fi
- Tunnaa kan jedhaman yoo ta’an,
ganduma kana keessaa namoonni manneen irraa gubates maqaan isaanii:
- Imammuu Haaji Kadir
- Siraaj Kadir
- Ahimed Huseen
- Sulxaan Huseen
- Najimaa Huseen
- Kamaal Huseen
- Jalaanii Bunnaa
- Abdulwaayid Sariif
- Jundii Badhaasoo
- Qaasim Jawaar
- Abdullasiis Abubakar
- Nurii Jundii
- Sayidaa Jundii
- Ahimed Maammiyyoo fi
- Sayidaa Maammiyyoo kanneen jedhamaniidha.
Akka Jiraattonni gandichaa jedhanittis namoonni kunneen yeroo ammaa dawoo dhabuun Waqtii gannaa kanatti roobaan bakkeetti faca’uuf dirqamanii jiru jechuun ONM’f eeraniiru.

