Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti murni Bilxiginnaa maanguddoo tokko ajjeesuun, saamichaa fi gubaatii manneenis raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Aangoo Dachee jedhamu keessatti loltoonni Bilxiginnaa Muddee 24, 2025 qonnaan bultoota meesha maleeyyii irratti meeshaa lolaa dhukaasuun namoota hedduu qe’ee keessaa baqachiisuun qabeenya saamaa turuu fi manguddoo maqaan isaa Ahimad Haajii Usiimaa jedhamu rasaasaan rukutanii akka ajjeessan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Akkasumas, aanichuma ganda Sooqee Boqichaa jedhamu keessaas qonnaan bultoota afaan qawween ukkaamsanii reebuun mana hidhaatti guuruu, qabeenya saamuu fi manneen gubanii barbadeessaa turuu jiraattotni itti dabaluun ifoomsaniiru.

Namoota haala kanaan qabamuun hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Qaasim Aliyyii,
  2. Yaasim Qaasiim, 
  3. Sadiqoo Qaasiim, 
  4. Sheek Fatuura Hajii fi
  5. Hajii Muhaammad kanneen jedhamaniidha.

Gandichuma keessatti kanneen manneen isaanii qabeenya guutuu waliin abiddaan gubatee barbadaa’e keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Abuu Haji Muhaammad, 
  2. Jamaal Kadiir Aliyyii,
  3. Ahimad Muhaammad, 
  4. Jayluu Gannaa Hamidaa fi
  5. Fayyoo Haji Muhaammad kanneen jedhamaniidha.

Loltootni Bilxiginnaa kunneen meeshaalee mana keessaa guutuu erga abiddaan gubanii booda oomisha hawaasni bara kana galfate hunda konkolaataa fiduun akka fe’atanis jiraattotni dabalataan addeessaniiru.

Exit mobile version