ONM-ABO Muddee 31, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Aangoo Dachee jedhamu keessatti gaafa Muddee 29, 2025 manneen qotee bultoota qabeenya guutuu waliin abiddaan gubanii barbadeessuu fi namoota qe’ee irraa baqachiisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Mahaammad Shamsii,
- Sheek Jibriil Shamsii,
- Usmaanoo Haajii,
- Amaanaa Hamiyoo,
- Hajji Sheek Qaasim,
- Abdulhaamid Sheek Saanii,
- Mahaammad Jabboo fi
- Abbee Jamaal
kanneen jedhaman yoo ta’u Obbo Mahaammad Jabboo manneen qofa osoo hin taane gaagura kanniisaa ammayyaa inni mana biraa qabu 8 abidda itti qabsiisanii kan gubanii fi Aabbee Jamaal jalaas sangoota 2 fudhatanii akka deeman jiraattonni dabalataan himaniiru.
Kana malees murni badii dalaguuf qajeelfama koloneel Abiy Ahimad irraa fudhatee hawaasa keessa bobbaafamee jiru Bilxiginnaan godinichuma aanaa Roobee Diida’aa ganda Jeenaa jedhamu keessatti Muddee 28 hawaasa baadiyyaa irraa gara magaalaatti imalaa turan isaanii jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuruu fi qabeenya isaan ittiin gara magaalichaatti imalan hunda harkaa saamaa turuu ibsaniiru.
Keessattuu dubartoota midhaan daakkachuuf gara mana baaburaatti deeman reebicha jabaa erga irraan gahanii booda mana hidhaatti geessuun yeroo biraatiif deebi’anii akka isaan magaalaa hin dhaqne mallatteessisanii hidhaarraa kan baasan ta’uu fi sababa daakuu mana keessaa dhabaniinis daa’imman isaanii beelaan harkatti gaaga’amaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM’tti himaniiru.

