ONM-ABO Muddee 30, 2025
Murni impaayera bututtuu Itoophiyaa of harkaa qabu Bilxiginnaan sabaa fi sab-lammoota impaayeratti jiran guutuu hacuucee gidiraa garaagaraa irraan ga’aa kan jiru Muddee 26, 2025 aanaa Siree ganda Aleeltuu Gazalaa iddoo addaa Qachilee jedhamutti uummata jalaa midhaan fi beelladoota hedduu jalaa fudhataniiru.
Namootni qabeenyi jalaa fuudhame keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Huseen Kadir jalaa Sangoota 3,
- Bakar Ahimed jalaa Sangaa 1,
- Abdulkariim Ahimad jalaa Sangoota 2, fi
- Kiisuu Usmaan jalaa Sangaa 1 fudhachuun
gandichaa keessaa namoota hedduu midhaan kuntaala hedduu konkolaataa akka fe’atan jiraattonni arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun murni saamicha hojii idilee godhate Bilxiginnaan bahuma Arsii aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa iddoo addaa Gooroo fi Xaaxeessa irratti guyyaa dheengaddaa Muddee 26 loltoonni impaaraattii tiksan maqaa sakattaa WBOn bobba’uun gandicha keessa naanna’uun meeshaalee mana keessaa irraa kaasee hanga Beelladootaatti saamuu fi manneen gubaniiru.
Namoota miidhaan kun irratti qaqqabe keessaa namoonni maqaan nu qaqqabe:
- Xorii Turaa Boruu jalaa loon 11, fi
- Faadoo Saafanoo loon 2
kan fudhatan yoo ta’u yerooma sanatti aanichuma gandaa Dirree Odaa iddoo addaa Waraabboo jedhamu irraas mana obbo Gaaddisaa Godaanaa meeshaa guutuu wajjin abidda itti shiduun gubanii kan barbadeessaniiru. Re’oota gandicha keessatti argaman hedduu guurachuun iddoo sanatti qalanii nyaata akka turanis dabalataan jiraattonni ONM tti himanii.
Kana malees bahuma Arsii aanaa Jajuu ganda Aaangoo Dachee iddoo addaa Dadaashoo jedhamu keessatti Muddee 26 qabeenya hawaasaa meeshaalee mana keessa irraa kaasee hanga beelladootaatti osoo hin hambisini konkolaataan fe’ataaniiru.
Oduu hidhaatiin immoo i aanaa Marti ganda Hoomba keessatti Muddee 27 namoonni hedduu jumlaan ukkaamfamanii mana hidhaa keessatti darbatamanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu dhaqqabe:
- Tolaa Sheek Haamid,
- Muhaammad Amaanii,
- Turee Sheek Muhaammad fi
- Musxafaa Kaliloo kanneen jedhamaniidha.

