ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Aanaa Tolee ganda Gonnaan Bubbisaatti Ebla 30, 2025 hidhatoonni waraana PP hawaasa nagaa jalaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf manneenii fi qabeenya mana keessaa guutummaatti abiddaan gubanii barbadeessuun, horii hedduus saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattota saamichaaf gubaatiin manneenii irratti raawwatame keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabee jiru:
- Obbo Habtamuu Taaddasaa mana 2, midhaan ardaba 20, kan afooshaa ardaba 10 fi mi’a mana keessaa guutummaatti barbadeessuun, sangoota 2 jalaa fudhataniiru,
- Kana malees Obbo Rabbuu Tolaa jalaa mana 3, midhaan gosa adda addaa ardaba 12 fi mi’a manaa guutummaatti jalaa gubuun sangoota 3 jalaa yoo fudhatan,
- Obbo Addunyaa Taaddasaa jalaa mana qorqorroo 1, mi’a mana keessaa dabalatee midhaan ardaba 20 jalaa barbadeessanii kan deemanii fi
- Obbo Tolaa Dhaabaa jalaa mana 1, midhaan ardaba 18 fi mi’a mana keessaa guutuutti jalaa gubanii barbadeessuun addeeffameera.
- Dabalataanis Aadde Taaddalech Boonsee jalaa mana 1, mi’a mana keessaa, maallaqa qarshii 5,000 fi midhaan ardaba 6 jalaa gubanii barbadeessanii jiraachuu ibsaniiru.

