ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Warreen garaan isaanii guunnaaniif hawaasa keessaa dhalataniif dhimma hin qabnee fi biyyayyuu osoo danda’ameefii maallaqatti sharafatan gantoonni garaa qofaaf jecha ofii fi biyya gananii ergamtuu ta’anii akka qodaa cabaatti mirga waa murteessuu osoo hin qabaatin waan murtaa’ee dhufetti harka baasaa turan, har’a aangoo siyaasaa of harkaa qabaatus ittuu uummata shororkeessuu malee bu’aa inni qabatamaatti hojjete tokkollee lafarraa dhibuun waan ijaa fi gurra nama qabachiisu qofatu yeroo ammaa kanas irraa mul’ata.
Warreen aantummaa uummataa irra teessoo fi garaa isaaniif bakka kennan gara jabeeyyonni Bilxiginnaa Waxabajjii 3, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Tibbii jedhamu keessatti maanguddoo ganna 52 olii abbaa ijoollee 5 Obbo Biilloo Bojaa yoo ajjeesan, ganda Haroo Calanqoo keessattis Obbo Quubsaa Absaa ajjeesuun mana isaa mi’a mana keessaa waliin guutummaatti barbadeessuun horii 9 fi re’oota 16 jalaa fudhatanii maatiisaas reebicha hamaa irratti gaggeessuun caccabsanii hojiin ala godhanii deemaniiru.
Gandoota Tibbii fi Haroo Calanqoo keessatti Waxabajjii 3 fi 4, 2024 ajajaan waraanaa lafa sanaa sabaan Amaara ta’e loowwan uummataa baay’inni isaa yoo xiqqaate 350 ol saamsisee walitti qabanii ooffachuun gara aanaa Warra Jaarsoo ganda Hambisaa jedhamtutti geessuun loon 7 keessaa yoo qalatan ammallee kan hafan achuma jiraachuun barameera.
Oduuma walfakkaatuun Waxabajjii 3, 2024 godinuma Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Qeerroo Itichaa Dachaasaa jedhamu obboleessa keetu WBO keessa jira jechuun haala suukkanneessaan yoo ajjeessan, nama maqaan isaa nu hin ga’in tokko aanaa Kuyyuu ganda Liiban Kuraa irraa baasuun aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Tulluu Milkii jedhamtutti geessuun aalbeen qalanii haala suukkannessaa ta’een akka ajjeesan barameera.
Ganda Faajjii Yirdaa keessattis qabeenya obboloota sadii fi nama tokkoo kanneen maqaan isaanii Daggafaa Jaanoo, Aandanyee Jaanoo, Kabbabaa Jaanoo fi Jaanoo Kabbadaa jedhaman qabeenya mana keessaa dabalatee mana isaanii jalaa gubanii turan, si’a 3 irra deddeebiin yoo ijaarratanis ammas jalaa gubanii barbadeessuun qabeenya qabanis midhaan kuntaala 50 fe’atanii deemaniiru.
Gareen maafi’aa kun saamicha itti fufuun namoota kanneen; Katamaa Botee jalaa midhaan kuntaala 13, Botee Abbabuu jalaa midhaan kuntaala 2 fi qotiyyoo 4, Gaaddisee Baarkee jalaa qarshii 200,000 akkasumas, qotiyyoo 1 jalaa saamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

