Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar keessatti uummanni meeshaalee gurguddaa waraana faashistii irraa dhukaafamuun yeroo lubbuun darbaa jirutti loltoonni bilxiginnaa midhaan uummataa haamaa jirra jechuun goyyomsaa siyaasaa hojjechaa jiru

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Murni Faashistii PP jalqaba baatii Fulbaanaa irraa eegalee bifa addaan Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa irraa bilbilaa fi quunnamtii interneetii kutuun duula eegalee ture.

Duula waraanaa eegalan kanas loltoota lafoon milkaa’uu dadhabnaan meeshaalee gurguddaa Dishqaa hanga dirooniitti fayyadamuun miidhaa geessisaa turan.

Tarkaanfii murni akka feeteen bilxiginnaa walitti fufiinsaan Kaaba Shaggar aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Yaayyaa Gullallee fi Dharraa keessatti fudhate kanaan hawaasni hedduun du’ee gariin mada’uu fi aanaa Dharraa keessatti ammoo qe’ee irraa buqqifamuun bosonatti baqatus achitti meeshaaleen waraanaa gurguddaan ergamtoota Abiy Ahimediin itti dhukaafamuun miidhaa lubbuu fi qaamaa geessisaa ture.

Kana malees haleellaan dirooniin manneen barnootaa barbadeessaa, waraannis manneen barnootaa buufata godhachuun balleessaa fi Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ture jechuun gubaa ture.

Hawaasni aanaalee godinichaa keessumaa gandoota baadiyyaa keessa jiran miidhaa Bilxiginnaan marsee beelessuuf geggeessaa jiruuf saaxilamuun dhukaasa meeshaalee gurguddaa kanaaf jecha ooyiruu isaanii irraa midhaan haammachuu dadhabuu fi warreen ba’anii haammatan ammoo meeshaa akka feetee faashistootni Abiy dhukaasaniin qonnaa isaanii keessatti ajjeefamaa jiru.

Haa ta’u malee murni Bilxiginnaa ajajoota waraanaa isaa gara Kaaba Shaggaritti erguun loltoonni haammii midhaanii uummata gargaaraa jiru fi tajaajilli hawaasaa bakkatti deebi’e jechuun akka waan uummataaf hoo’anii hojjetanitti dubbataa jiru.

Hoogganaan Koorii Iizii 6’ffaa Birgeeder Jeneraal Mallas Gizawu of dursa uummataaf laanna jechuun aanaa Warra Jaarsoo keessatti suuraa ooyiruu namootaa keessatti osoo waraanni isaanii oomisha qamadii haamaa jiruu hojii fakkeessiin agarsiisan dhugaa jiru hin agarsiisu.

Loltoonni Iizii 6’ffaa jalatti koorii fi shaalaqaa adda addaan bobbaafaman Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo dabalatee aanaalee hedduu keessatti duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa raawwatee jira.

Muddee 12, 2024 aanaa Warra Jaarsoo ganda Jamjam Meelaa keessatti daa’ima waggaa 10 fi waggaa 2 wal irratti meeshaalee gurguddaa akka feeteen dhukaasaniin namoota hedduu waliin ajjeesuun gariin madeessanii turuun ni beekama.

Birgaader Jeneraal Mallas waraanni isaanii namoota dadhaboo gargaara jedhan aanichaatti namoota waggaa 47 fi 50 ooyiruu isaanii keessatti ajjeesuun maatii hiyyummaaf saaxiluu isaa irratti osoo yaada hin kennine waraanni faashistiin isaanii akka waan hawaasaaf yaadutti diraamaa siyaasaa hojjechuun dhuguaa lafa jirtu hin agarsiisu.

Exit mobile version