Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Onoota Salaalee, Dharraa fi kanneen birootti dhukaasa meeshaa gurguddaa madfii, ZU- 23 fi Mootera dabalatee waraana Bilxiginnaan dhukaafamuun miidhaan qabeenyaa fi namarra ga’uun addeeffame

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Godina Kaaba Shaggaritti rakkoon nageenyaa hawaasa irratti loltoota abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin erga jabaatee kan bubbule yoo ta’u, baatiilee lamaan darbanii kaasee murni garboomfataan PP hawaasa irraa tajaajila bilbilaa fi interneetaa cufuun duula cimaa irratti taasisaa jira.

Haa ta’u malee duulli kun milkii sirnichaaf dhabuun waraanni kumootaan kutaa waraanaan  bobbaafamus haleellaa gootichi sabaa WBO’n irratti taasisaa jiruun kasaaraa hamaan humna namaa fi qabeenya ishee irra ga’uun loltootaa fi meeshaan booji’amuun of duuba deebi’aa jirti. 

Haa ta’u malee gara jabeeyyiin sirnichaas erga boodatti deebi’anii meeshaalee gurguddaa madfii, Zu 23 fi mootera gaarreen irra dhaabuun hawaasa gandoota baadiyyaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun ibsameera.

Uummanni Oromoo kaaba Shaggar onoota akka Dharraa gandoota baadiyyaa magaalaa Salaalee jalatti argaman dabalatee waggoota afurii oliif duulli waraana Bilxiginnaa fi garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon irratti adeemaa kan jiru yoo ta’u, qeerroo fi qarreen kuma dhibbootaan hidhamaa fi kumootaan baatiilee keessatti ajjeefamaa akka jiranis ibsameera.

Keessattuu Onkoloolessa 31, 2024 gandoota baadiyyaa hedduu irratti meeshaalee gurguddaa dhukaafamaa tureen namoonni ajjeefamuu fi qabeenyaan barbadaa’un kan himamu yoo ta’u, haleellaan diroonii ammoo ajjeechaa jumlaa fi barbadaa’iinsa qabeenyaa hamaa qaqqabsiisus rakkoo neetwoorkii bakkichaaf odeessa guutuu wanta hin arganneef, eeruun haaraan akkuma nu qaqqabeen kan isiniin geenyu ta’a.

Exit mobile version