Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP Aanaalee Kaaba Shaggar diroonii fi meeshaalee gurguddaan rukutuu yoo jabeessu, sababa kanaan miidhaan namaa fi qabeenyaa irra qaqqabuun barame

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Gareen faashistii PP dheebuu aangoo isaanii guuttachuuf hojjechaa jiran Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti haleellaa diroonii raawwataniin qabeenya uummataa hedduu yoo guban, aanaalee akka Dharrraa, Giraar Jaarsoo, Wacaalee, Yaayyaa Gullallee fi Dagamitti meeshaa gurguddaa akka BM, Madfii, Taankii, ZU-23 fi Mortoraan walitti fufiinsaan erga rukutuu eegalanii har’aan guyyaa 6’ffaa yoo ta’u, meeshaaleen dhuka’an kun abidda uumuun, midhaan ooyiruu irraa gubee horii namootaas fixaa jiraachuun barameera.

Sadaasa 7, 2024 Kaabuma Shaggar aanaa Dharraa ganda Raachoo jedhamu keessattii murni faashistii Itiyoophiyaa meeshaa gurguddaa kanneen akka Madfii, Taankii,  Morteraa fi ZU-23 itti dhukaasuun qonnaan bultoota irraan miidhaa qaqqabsiisaa turan.

Haleellaan akka feetee waraana faashistii PP kun nama nagaa qeerroo umuriin isaa 17 ta’e Dassaaleny Abbaayyuu Abbabbuu fi kan biraa tokko yoo ajjeesu, dubartii umuriin ishee 40 taate haadha ijoollee 5 kan taate maqaan ishii Aadde Zarfee Galee Mitikkuu kan jedhamtu madoo ulfaataan miidhamuun du’aa fi jireenya gidduu jirti.

Guyyuma kaleessaa kana Kaaba Shaggaar aanaa Kuyyuu ganda Dhahee Willincoo keessatti haleellaa diroonii mana barnootaa irratti raaawwataniin miidhaan qaqqabuunis barameera.

Exit mobile version