ONM-ABO Muddee 15, 2024
Waraanni impaayera Itiyoophiyaa Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Janjam Meelaa keessatti Muddee 12, 2024 meeshaa gurguddaa BM, Madfii, Taankii, Moorteeraa fi Zu 23 dhukaasuun uummata nagaa irraan miidhaa guddaa qaqqabsiisuun barameera.
Hanga yoonaatti namoota lubbuun isaanii darbe keessaa kan maqaan adda ba’e
1. Sanbatuu Adinoo Suyyumee daa’ima waggaa 10
2. Haannaa Lammaa Nagaa daa’ima waggaa 2 yoo ta’an, daa’ima kana osoo Sanbatuun baattee jirtuu mana keessatti irra bu’ee walumaan ajjeese. Akkasumas daa’imni biraa meeshaa waraanaa PP’n ajjeefame Dirribaa Botee Faayyisaa daa’ima waggaa 8 ta’uun barameera.
Ol adeemtota ilmaan Oromoo waraana faashistii PP’n ajjeefaman malee kanneen madaa’an;
1. Baaccuu Bojaa Sanbataa daa’ima umurii 9
2. Ijaarree Sanbata Dabalaa ga’eessa umurii 45
3. Ayyaluu Dabalaa Ayyaanee umurii 47
4. Jaalannee Abboomaa Dhufeera shamarree umurii 22
5. Shantamee Daanyee Biqilaa umurii 19
6. Diittaa Geetuu Abiyyii umurii 28 yoo madaa’an warri kun hundi isaanii matii tokkoodha.
Sababa mana isaanii irratti bu’eef firaa fi aanteen achi keessa ture guutuutti balaa kanaaf saaxilamee jira. Ganduma kana keessatti Muddee 13, 2024 Baqqalaa Katamaa nama umurii 50 ooyiruu isaa keessaa osoo dalagachaa jiruu meeshaa gurguddaa akka feteen dhukaasan irra bu’ee ajjeesuun barameera.

