ONM-ABO Muddee 14, 2024
Bulchiinsa abbaa irree koloneel Abiy Ahimed keessatti uummanni Oromoo lafoo fi qilleensa irraan haleelamuun uummanni nageenya dheebote faallaa isaa bakka tokkotti jumlaan ajjeefamuu, kumootaan ammoo wal cinatti madoon qaama hir’uu taasifamuunii fi manneen isaanii haleellaa diroonii fi meeshaalee gurguddaan gubachaa jira.
Muddee 12, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gooroo Dhoqonuu bakka addaa Baayyee jedhamutti murni Bilxiginnaa humna qilleensaa fayyadamuun haleellaa taasiseen namoonni hedduun ajjeefamuu fi gariin ammoo mada’uu maddeen keenya onichaa ONM’f eeraniiru.
Gareen faashistii PP kun Muddee 12, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Jamjam Meelaa fi Haroo Guullallee keessatti meeshaa akka Madfii, Taankii, Zu 23 fi Moortoraan dhukaasaa ooleen lubbuu uummata nagaa yoo xiqqaate 4 ajjeesuu fi namootni 9 ammoo madaa’uun barameera.

