Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltoonni murna bilxiginnaa lama godina Gujii Lixaa fi Kaaba Shaggar keessaa WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Bilxiginnaan gama tokkoon saamtota waraana isaa kabaja namummaa hin beekne uummata nagaatti bobbaasuun duguuggaa sanyii Oromoota irratti raawwachaa jiruun alatti gama biroon ammoo namoota jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan afaan qawween doorsisee dirree waraanaatti erguun lola isaan hin ilaallannetti bobbaasee bineensa sooraa jira.

Ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsee teessoo barcuma isaa ittiin tikfachuuf dirree waraanaatti guuraa kan jiru murni gabroomfataan bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti humnaan qabee leenjisus warreen dhugaa saba isaanii hubatan guyyaa irraa gara guyyaatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennechaa jiru.

Bifuma kanaan Adoolessa 25, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguuddaa keessatti miseensi Raayyaa Ittisa Imphaayerattii tokko hidhannoo guutuun WBO’tti makamee jira.

Gama meeshaan qawwee AKM 1, Boombii 2, Rasaasa 205 fi Gumbii 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Ittuma fufuun Kaaba Shaggar aanaa Dagam irraa miseensi farra riphee lolaa tokkos WBO’tti makamee jira.

Miseensonni waraana PP harka kennatan Kunis, sirna dabaa uummata keenya duguugaa jiruuf meeshaa baannee tajaajilaa turuu keenyaaf gaabbineerra, kanaafuu hidhannoo keenya fudhannee qabsoo haqaa saba keenyaaf ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti makamne jechuun, warreen mooraa diinaa keessatti hafaniinis alagaaf ergamtanii saba keessanitti hin dhukaasinaa, osoo yeroon jiruu qabsoo bilisummaa saba keessaniif godhamaa jirutti kottaa makamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version