ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Murni humnaan ilmaan haadha hiyyeessaa qe’ee irraa qabee leenjii kennuufiin lola barcuma nama tokkoo tiksuuf geggeeffamu irratti hirmaachisee lubbuu isaanii obbaasaa jiru Bilxiginnaan bakka irra deddeebiin dibbee lolaa dhaanaa jirutti loltootni isaa hojii badiisaa Abiy Ahimed hojjechaa jiruu fi wal dhibdee keessoo waraanaatti yeroo irraa gara yerootti uumamaa ooluun keessaa baduu itti fufanii jiru.
Amajjii 6, 2025 miseensotni waraana PP 2 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa qawwee fi hidhannoo waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Miseensotni waraana PP duraanii kun akkaataa itti gara WBO dhufan yeroo dubbatan, mooraan waraana Bilxiginnaa jibbiinsa sanyummaa, tuffii, ilaalchaa fi loogii guddinaan wal qabatu akkasumas boqonnaa dhabuu waraanichaa irraan kan ka’e yeroo baay’ee waltajjiin wal amansiisuu fi wal hubachuu dadhabuun qawwee walitti dhukaasuun wal ajjeesuu, wal madeessuu fi wal hidhuun baratamaa ta’uu irraan adeemsa isaanii jibbinee gara qabsoo dhugaatti dhufne jechuun ibsan.
Oromoo taatee gaaffii mirgaa yoo gaafatte ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoon yakkamtee hidhamta. Yeroo ati itti ajjeefamtus ni jira kan jedhan miseensotni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen, siyaasaa fi waraana Oromummaa jibbee Itiyoophiyummaa leellisu qofa tole jettee akka fudhattu afaan qawween si dirqisiisu jedhan.
Uummatni keenya maqaa mootummaa Oromooti jedhuun gidiraa argee hin beekne keessummeessaa jira kan jedhan waraanni Bilxiginnaa duraanii kunneen, karoora Oromoo cabsuuf karaa Bilxiginnaa hojjetamaa jiru dinnee gara qabsoo saba keenyaatti waan dhufneef, ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baattanii achi keessa jirtan akkuma keenya yeroon qawwee fi hidhannoo keessan waliin gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti akka makamtan jechuun dhaamsa isaanii dabarsuu gabaasa ajajaan WBO Zoonii Kibbaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisan irraa beekuun danda’ameera.

